07
Jun
2024
Bulchiinsi Magaalichaa Bishooftuu wiirtuu turistoota biyyaalessaa taasisuuf mul’ata qabatee kan hojjechaa jiru yoo ta’u, ijaarsa hoteelota, loojii fi riizoortii urjiidhaan moggaafame keessatti invastaroota adda duree ta’an hirmaatanii arguuf fedhii akka qabu ibseera. Kantiibaan magaalaa Bishooftuu Obbo Alemayehu Assefa eebba fi banamuu riizoortii Ganda Sheebaa Jimaata hanga Sambata Xiqqaa har'aa ture wayita miidhagsan yaada armaan olii kana dubbataniiru . Kantiibaan haasawa kana irratti taasisaniin dandeettii damee turizimii fayyadamuun waan mootummaa qofaaf hafe akka hin taane cimsanii dubbataniiru.....