Qormaatni Kutaa 6ffaa

Qormaatni Kutaa 6ffaa kennamaa ture karaa naamusa qabuun Xumurame. Caamsaa 30,2016 Bishooftuu Magaalaa Bishooftuutti Qorumsi Kutaa 6ffaa karaa naamusa qabuun Kennamee xumuramee jiraachuu Waajjirrii Barnoota magaalichaa beeksiise Qorumsichi Buufataalee 13 keessatti bifa qulqulluu fi tasgabbii qabuun gaggeffamee akka jirus hubatameera. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnoota magaalaa Bishooftuu Obbo Tafarii Qanaatee beekkumsa gahaa gonfate oomishuudhaaf barnoota qulqullina qabu laachuun murteessaa ta'uu eeruun, qormaatni kutaa 6ffaa kennamee jiru kun karaa qajeelfama kenniinsa qormaatichaa hordofeen akka ta'e ibsaniiru. Dabalataaniis qormaaticha karaa milkiin qabuun gaggeessame keessatti qaamolee Nageenyaa, qooda fudhatoota dhimmichi ilaalu hundaa gahee isaanii bahaa tura galateeffatanii jiru

Share this Post